Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Damee Qabeenya Uumamaa fi wabii Nyaataa
Manuwwalii gabaabaa hojii qonnaa fi bosona wal-keessaa irratti afaan oromiffaatti
hiikamee qophaa’e
Kan qopheesse:-
1. Girum Kabbadaa ( Pirojektii SLM’tti ogeessa Qonna jijjiirama qilleensaa dandamatu)
Bilbila-0917840086
[email protected]
2. Yiftuu Hayiluu (Biiroo Qonnaa Oromiyaatti ogeessa Qonnaa fi bosonaa wal-keessaa)
Bilbila-0915647567
[email protected]
Sadaasa,2015
Adaamaa
Contents
Tarreeffama gabatee........................................................................................................................4
Tarreeffama fakkiiwwanii...............................................................................................................5
1. Seensa..........................................................................................................................................6
1.1. Seenaa Qonnaa fi bosona walkeessaa...................................................................................6
2. Hiikoo fi yaad-rimee Misoomaa Qonnaa fi bosona wal-keessaa (Definition and concept of
Agroforestry)...................................................................................................................................7
2.1. Kaayyoo /faayidaa Misooma Qonna fi Bosonaa walkeessa / Objective /.............................8
2.2.Amaloota Misooma Qonnaa fi bosona wal-keessaa (Attributes of Agroforestry).................8
3. Rakkoolee fi hanqinaalee Misooma Qonnaa fi Bosonaa walkeessa)..........................................9
4. Qoodiinsa misooma qonnaa fi bosona wal-keessaa.....................................................................9
4.1. Ulaagaalee/bu’uura irratti hundoofnee misooma qonnaa fi bosona wal-keessaa qoodnu
(frame work for classification)...................................................................................................10
I.Caaseffama isaa irratti hundaa’uun(structure of the system):..............................................10
II.Faayidaa isaa irratti hundaa’uun (Function of the system).................................................10
III.Haala qilleensa naannoo irratti hundaa’uun (agro-ecological zones)................................10
IV. Sadarkaa hawaas-dinagdee fi kunuunsa godhamuu ( Socio-economic scales and
management level )................................................................................................................11
5. Filannoo akaakuu mukkeen Qonnaa fi Bosonaa walkeessa ( choice of species in Agroforestry)
.......................................................................................................................................................13
6. Gosoota qonnaa fi bosona wal-keessaa gurguddoo/ Major AF practices/.................................14
6.1. Biqiltuu Man-duubee (Home Garden Agroforestry)..........................................................14
6.1.1. Faayidaa biqiltuu man-duubee.....................................................................................15
6.1.2. Haala hundeefama biqiltuu man-duubee (design)........................................................16
6.1.3. Filannoo gosa mukaa....................................................................................................17
6.1.4. kunuunsa biqiltuu man-duubeef godhamuu qabu........................................................18
6.2. Dhaabbii biqiltuu lafa qonnaa irratti (Trees on Farmlands)................................................19
6.2.1.Diizaayinii ittiin dhaabbiin biqiltuu lafa qonnaa irratti hundeeffamu...........................19
6.2.2. Filannoo gosa biqiltuu (species selection)....................................................................20
6.2.3 .Kunuunsa biqiltuuf godhamuu qabu............................................................................22
6.3. Tarree Biqiltuu Bosonaa Gidduutti Midhaan Facaasuu /Alley Cropping or Hedgerow
Intercropping..............................................................................................................................23
6.3.1 .Diizaayinii tarree biqilaa bosonaa keessa midhaan facaasuu.......................................24
6.3.2. Filannoo gosa biqilaa (species slelection)....................................................................25
6.3.3. Kunuunsa biqilaa bosonaaf godhamuu qaban..............................................................26
6.3.4. Faayidaa tarree biqilaa bosonaa keessa midhaan facaasuu..........................................27
6.4. Dhabbii Biqiltuu bubbee/ qilleensa ittisu/Windbreaks and Shelter Belts...........................27
6.4.1. Diizaayinii biqiltuu bubbee ittisuu...............................................................................28
6.4.2.Filannoo gosa mukaa (choice of species)......................................................................30
6.4.3.Kunuunsa biqiltuu bubbee ittisaniif godhamuu qabu....................................................31
6.4.4. Faayidaa Biqiltuu bubbee ittisuu..................................................................................32
7. Kunuunsa biqiloota qonnaa fi bosona wal-keessaa dhaabbataniif godhamu.............................32
7.1. Damee gara olii hundaa biqilaa irraa muruu (Pollarding)...................................................33
7.2. Damee muraasa keessaa hir’isuu (Lopping).......................................................................34
7.3. Damee gara gadii isaa muruu/hir’isuu (prunning)..............................................................34
7.4. Muka tokko irraa kutuun/muruun biqiltuu haaraan akka biqilu gochuu (coppicing).........35
Tarreeffama gabatee
Gabatee 1. Malawwan/Adeemsaalee gurguddoo ramaddii/qooddii sirnaa fi gochaalee qonnaa fi
bosona wa-keessaa...........................................................................................................................9
Gabatee. 2.Gosoota qonnaa fi bosona wal-keessa gurguddoo naannoo ho’aatiif mijatan (tropical)
.......................................................................................................................................................11
Gabatee 3.Gosoota biqiltuu garagaraa biqilaa man-duubeef mijatoo ta’a.....................................16
Tarreeffama fakkiiwwanii
Fakkii 1 Biqilaa man-duubee haala gaarii ta’een hojjetame..................................16
Fakkii. 2. Biqilaa lafa qonnaa irratti dhaabbate....................................................20
Fakkii. 3 Tarre biqiltuu bosonaa gidduu midhaan haala gaariin faca’e.................23
Fakkii. 4. Diizaayinii tarree biqilaa bosonaa keessa midhaan facaasuu qophaa’e24
Fakkii .5. Diizaayinii tarree biqilaa bosonaa keessa midhaan facaasuu qophaa’e25
Fakkii. 6. Tarree biqilaa bosonaa keessa midhaan facaasuu haala gaariin
hundeeffame............................................................................................................26
Figure. 7 .Dizaayinii biqilaan bubbee ittisu ittiin qophaa’e...................................29
Figure .8 .Diizaayinii biqilaa bubbee ittisuu...........................................................30
Figure .9 Biqiltuu bubbee ittisuuf dhaabbatan haala ittiin latiin isaa muramu.......32
Fakkii. 10. Biqilaa Poolaard godhame....................................................................33
Fakkii .11. Damee muraasa hir’ate (Lopping)........................................................34
Fakkii. 12 .Damee gara gajjallaa murame (pruning)...............................................35
Fakkii. 13. Biqilaa coppiced godhame....................................................................36
1. Seensa
Guddina diinagdee biyya tokkoo keessatti gaheen misoomni Qonnaa qabu bayyee olaanaa dha.
Oomishaa fi Oomishtummaa Misooma midhaanii, Beeyladaa fi Misooma Bosonaa sadarkaa olaanaa
dhaan akka guddatu gochuu keessatti Qonna Bosona Walkeessaa dhimma ijoo dha.Keessumaa rakko
jijjiirama qilleensaa akka Addunyaatti yeroo ammaa qormaata guddaa ta’ee jiru foyyeessuu keessatti
ga’een Qonnaa fi bosona wal-keessaa qabu baay’ee olaanaadha.Dabalataanis jiruu fi jireenya hawaasaa
keessattuu Qonnaan bulaa kallattii garagaraatiin foyyessuu keessatti ga’een inni qabu daran olaanaadha.
Mala saayinsaawaa ta’ee fi Qoratamee adda baheen Qonna Bosona Walkeessaa gargaaramuun haala
diinagdee, qilleensaa fi hawaasummaa irratti bu’aa argamu irraa Uummanni sadarkaan irraa fayyadamaa
kan taasisuu dha.Akka waliigalaatti hojii Qonnaa fi bosona wal-keessaa kun kaayyoowwan gurguddoo
sadii galmaan ga’uuf hojiirra kan ooluudha.Isaanis :faayidaa diinagdee irraa argamuuf jecha,fooyya’iinsa
inni eegumsa naannoo irratti qabuu fi lafoota sababa garagaraatiin omiishaa ala ta’an
dandamachiisuudhaan faayidaadhaaf akka oolan gochuudha.
1.1. Seenaa Qonnaa fi bosona walkeessaa
Qonnaa fi bosona wal-keessaa hojii bara durii irraa ka’e biyyoota addunyaa garagaraa keessatti
Qonnaan bultootaan hojjetamaa kan tureedha. Namni King (1987) jedhamu akka barreessetti
ardii Awurooppaa keessaa biyya Fiinlaand jedhamtuu hojii qonnaa fi bosona walkeessaa kana
jaarraa 19ffaa keessa hojjechaa akka turan ni ibsa.Dabalataanis biyya Garmanii bakkoota
muraasatti bara 1920 moota keessa shaakalliin kun akka turetu himama.
Ameerikaa keessattis shaakalliin hojii Qonnaa fi bosona walkeessaa kun hawaasa hedduun
hojjetamaa akka ture seenaan ni ibsa.Keessumaa walakkeessa Ameerikaa keessatti hojiin kun
hojii qonnaan bultootni aadaadhaan yeroo dheeraadhaaf hojjechaa turaniidha
.
Haaluma walfakkaatuun biyyoota Eshiyaa keessumaa Hanunoo fi Philiphiins keessatti hojiin
Misooma Qonnaa fi bosona wal-keessaa kun shaakalliin isaa akka ture namni Conklin,(1975)
jedhamu kitaaba isaa barreesse keessatti ibsee ture.
Namni Forde,(1937) jedhamu akka barreessetti hojiin misooma qonnaa fi bosona wal-keessaa
kun Afriikaa keessattis duri irraa ka’ee shaakalliin isaa akka ture ni ibsa,haaluma kanaan Kibba
Naayijeeriyaa keessatti mukoota bosonaa wal-irraa fagaatanii dhaabbatan jalatti midhaanota akka
yaamii,boqqollo,buqqee fi baaqilaa facaasaanii fayyadamaa akka turan ni ibsa..Kanas kaayyoo
gabbina biyyee foyyeessuuf,dhiqama biyyee akkasumas dhiqama/fudhatamuu/leaching xaa’oo
hir’isuuf fayyadamaa akka turantu himama.
Sababoonni garagaraa fi misoomawwan bara 1970 moota keessa mul’atan hedduun Misooma
Qonnaa fi bosona wal-keessaa kun akka sirna bulciinsa lafa qonnaa fi bosonaa irratti
raawwatiinsa qabuutti fudhatama akka argatuuf gumaacha godhaniiru.
Sababootni kunis:
Imaammata misoomaa Baankiin Addunyaatiin irra deebiin ilaalamuu isaa.
Imaamatni bosonaa dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa mootummoota gamtoomaniitiin (FAO)
irra deebiin ilaalamuu isaa.
Fedhiin/daddamaqiinsi saayinsii midhaan wal-jijjiiranii facaasuu fi mala qonnaa irratti
jiru dabaluu.
Biyyoota guddachaa jiran hedduu keessatti haalli rakkoo midhaan nyaataa hammaachaa
dhufuu.
Babal’achuu fi dabalaa dhufuu cirama bosonaa fi manca’iinsa srna madaallii uumamaa.
Dabaluu gatii fi hir’ina xaa’oo akkasumas
Rakkoo anniisaa bara 1970 moota keessa mudatee fi kanaan kan ka’e gatii dabaluu fi
hanqina xaa’oo uumamuu
Giddugala Qorannoo Misooma Idil-addunyaa (IDRC) Kanaadaatiin pirojektii dursa
qorannoo bosona tiroopikaalaa adda baasuuf gargaaru hundeessuun isaa.
2. Hiikoo fi yaad-rimee Misoomaa Qonnaa fi bosona wal-keessaa (Definition and concept of
Agroforestry)
Misooma Qonna fi Bosonaa walkeessa (agroforestyr) jechuun maqaa waliinii ittifayyadama lafaa
sirnaawaa fi teeknoloojii ta’ee, yammuu mukni umurii dheeraa (muka fi leemmana…) ta’e
jedhamee lafa/maasii/fichaa tokkorraatti midhaan waggaa fi/ykn beeyladaa wajjiin qindeessuun
misoomuu jechuu dha. Jecha biraatiin akaakuun misooma qabeenya uumamaa kun muka fi
midhaan, ykn midhaan, mukaa fi beeylada ykn mukaa fi beeylada walsimsisuun misooma
ittifuufunsa qabu fi jijjirama qillensaa dandamatuu dha. (Lundgren and Raintree, 1982).
Ulaagaan Misooma Qonna fi Bosonaa walkeessa (Agro-forestry)
Qabiyyee lamaa ykn isaa ol kan haammatu ta’e garuu inni tokko muka waggaa hedduu
turu qabaachuun dirqama ta’a.
Misoomnii tokko Misooma Qonna fi Bosonaa walkeessa jedhamee moggafamuuf bu’aa
tokkoo ol qabaachuu qaba
Gingoon (cycle) sirna Misooma Qonna fi Bosonaa walkeessa yeroo hunda waggaa
tokkoo nanna’u qaba.
2.1. Kaayyoo /faayidaa Misooma Qonna fi Bosonaa walkeessa / Objective /
Kaayyoon ijoon Misooma Qonna fi Bosonaa walkeessa dhimma mukkeen garagaraa maasii
dhunfaa qonnaa irratti fi lafa bal’aa irratti dhaabatanii ogguu ta’u kaayyooleen misooma kana
kan armaan gaditi:
O Faayidaa dinagdee: madda meeshalee ijaarsaa, nyaata namaa fi beeyladaa, maddaa galii,
misooma beeyladaa, qorichaa dhiebee gara garaa k.k.f.
O Eegumsa Naannoo: manca’iinsa lafaa hir’isa, biyyoo badiirraa eeguu, dhiqama biyyoo
hambisuu fi manca’insa qabeenya uumamaa xiqqeessuu kkf
O Lafa fayyidaan ala ta’e dandamachisuu: xa’oo lafa lixe deebisaan ol harkisuu, bishaan lolaa
ta’ee deemurraa akka lafti foqqatu mijeessuu, aramaa/shuqunaa to’achuu (afa-afoo dhan),
xa’uummaa biyyoo dabaluu, naayitirojina lafa kessa dabaluu….
2.2.Amaloota Misooma Qonnaa fi bosona wal-keessaa (Attributes of Agroforestry)
Misooma qonnaa fi bosona wal-keessaa yoo xiqqaate bu’a qabeessa ta’uudhaaf amaloota/ulaagaa
sadii guutuu qaba.
1.Omiishtummaa/productivity/:Sirnoonni Misooma qonnaa fi bosona wal-keessaa omiisha
dabaluu akkasuamas omiishtummaa lafaa guddisuuf kan kaayyeffateedha.Sirnoonni kun
omiishtummaa karaa garagaraatiin ni guddisa Isaanis omiisha muka irraa argamu ni
dabala,omiisha midhaan irraa argamu ni dabala,baasii galteewwan garagaraaf ba’uu ni
hr’isa,dabalataanis gahumsaan humna namaa fayyadamuu ni dabala.
2. Itti fufiinsa/sustainability: Humna omishaa qabeenya uumamaa eeguu fi misomsuun irra
caalaa faayidaa biqiltootni bosonaa/ mukaa biyyee irratti qabaniin,sirni Qonnaa fi bosona wal-
keessaa karaa itti fufiinsa qabuun qabeenyi uumamaa akka kunuunfamuu fi omiishtummaan
biyyee akka foyya’u godha.
3. Fudhatamummaa/Adoptability/: Teeknooloojiiwwan misooma qonnaa fi bosona walkeessa
fooyya’an ykn haaraan naannoo haaraatti galfamanis gocha qonnaa naannoo wajjin kan walsimu
ta’uu qaba.
3. Rakkoolee fi hanqinaalee Misooma Qonnaa fi Bosonaa walkeessa)
Rakkoolee gurguddoo Qonna bosona wal-keessaa irratti muldhatan
Akka haala qabatamaa biyya keenyaattis ta’ee akka Naannoo keenyaatti Qonna bosona wal-
keessa kana karaa saayinsii isaa eeggateen hojiirra oolchuu irratti hanqinaalee hedduun ni
mul’ata.Kanaaf sababa hedduun ni jira.Isaan keessaa warri gurguddoon kan armaan gadii ti.
o Miidhaa dheedumsa gad lakkisii (free grazing)
o Dhiheessii biqilaa qulqulluu ta‘ee dhabamu
o Biqilaa fi iddoon dhaabbii walsimuu dhabuu: haala qilleensaa, roobaa, olka’insa...)
o Maddi sanyii ykn biqilaa akkataa barbaadameen dhabamuu.
o Dhaabbiin booda hordoffii ga’aa ta’ee gochuu dadhabuu: aramaa, fi kunuunsa dhabuu)
o Rakkoo ilaalchaa QB: ilaacha iddoo fudhata fi midhaan ni qancarsa kan jedhu jiraachuu
o Misooma Qonna fi Bosonaa walkeessa irratti hanqina humna nama baratee jiraachuu
o Biqilaan kaayyoo qonnaa fi bosona wal-keessaaf oolan ga’aa ta’e qophaa’uu dhabuu mala.
(Buufatni biqilaa keessatti qonnaa fi biqila wal-keessaa qofaaf jedhame biqilaa qopheessuun
hanqina kan qabu ta’uu).
4. Qoodiinsa misooma qonnaa fi bosona wal-keessaa
Sirnoota Qonnaa fi bosona wal-keessaa ammaan dura jiran hubachuu fi madaaluu, fi karoora
hojii fooyya’iinsa isaanii qopheessuuf ulaagaalee waliigalaa tokko tokkoon ramaduun /qooduun
barbaachisaadha.
Kaayyoon ramaddii/qoodiinsa kanaa inni guddaan odeeffannoo waa’ee sirnoota jiranii fi sirnoota
haaraa fi abdachiisaa ta’an qopheessuuf bu’uura qabatamaa ta’e kennuu ta’uu qaba.
4.1. Ulaagaalee/bu’uura irratti hundoofnee misooma qonnaa fi bosona wal-keessaa qoodnu
(frame work for classification)
Ulaagaaleen sirnaa fi gochaalee qonnaa fi bosona wal-keessaa ramaduuf yeroo baay’ee itti
fayyadaman kanneen akka:
I.Caaseffama isaa irratti hundaa’uun(structure of the system):
Caaseffama isaanii irratti hundaa’uudhaan bakka gurguddaa lamatti qoodama
1. Akkaataa uumamaa isaanii (nature of components)
a. Qindoomina Mukaa fi midhaan (Agrisilvicultural)
b.Mukaa+lafa dheedichaa ykn Beelladaa (silvopastoral)
c. Qindoomina Midhaan,mukaa fi Beelladaa (agrosilvopastoral)
2. Akkaataa tarreeffama isaanii (arrengement of components)
a. Gobbisanii waliiti makanii dhaabuu (Mixed dense)
b. Wal-irraa fageessanii walimakanii dhaabuu (mixed sparse)
c. Daangaa lafa qonnaa dhaabuu (boundary)
d. Tooraan dhaabuu (strip)
II.Faayidaa isaa irratti hundaa’uun (Function of the system)
1.Faayidaa misoomaa (productive function)
FKN :Nyaataa namaaf ,nyaataa beelladaatiif,qoraaniif/nyaata blcheessuuf kkf.
2.Faayidaa ittisuu (protective function)
Eg;balaa qilleensaa/bubbee hir’isuu, biyyee eeguu,
III.Haala qilleensa naannoo irratti hundaa’uun (agro-ecological zones)
1. Naannoo baddaa (high land humid)
2. Naannoo badda daree (Mid-altitude)
3. Naannoo Gammoojjii (low land sub humid)
IV. Sadarkaa hawaas-dinagdee fi kunuunsa godhamuu (Socio-economic scales and
management level )
1. Tekinooloojii inni barbaaduu (level of technology input)
a. Tekinooloojii Guddaa
b. G/Galeesaa
c. Xiqqqaa
2. Bu’aa irraa argamu irratti hundaa’uun (cost benefit relations)
a. Gabaadhaaf dhiyeessuu (commercial)
b. Gabaa fi nyaataaf (intermediate)
c. Nyaataaf omiishuu (subsitence)
Gabatee 1. Malawwan/Adeemsaalee gurguddoo ramaddii/qooddii sirnaa fi gochaalee
qonnaa fi bosona wa-keessaa.
Categorization of systems Grouping of systems
based on their structure and functions (according to their spread and
Qooddii qonnaa fi bosona wal-keessaa akkaataa uumamaa fi management)
faayidaa isaan kennan irratti hundaa’uun
Structure Function Agro-ecological Socio-economic
(nature and arrangement of components, (role and/or output environmental and
especially woody ones of components, adaptibility management level
Nature of Arrangement of especially woody
components components ones)
Agrisilviculture In space (spatial) Productive function Systems in/for Based on level of
(crops and trees incl. Mixed dense Food/ nyataaf Lowland humid technology input
shrubs/trees and (e.g., homegarden) Fodder/ nyataa tropics Low input
Mana dubee beeyiladaaf (marginal)
trees) a.midhaanii +
Fuelwood /bobesaaf Medium input
biqiloota
Other High input
woods/faayidaa
birootiif
Other products
Silvopastoral Mixed sparce Protective function Highland humid Based on
(pasture/animals and (e.g. most systems Windbreak tropics cost/benefit
trees) of trees in pastures) Shelterbelt (above 1,200 m relations
Soil conservation a.s.l., Commercial
Moisture Malaysia) Intermediate
conservation Subsistence
Soil improvement
Shade
(for crop, animal
and man)
Agrosilvopastoral Strip Lowland subhumid
(crops, !, (width of strip to tropics
pasture/animal: be (e.g. savanna zone
and trees) more than one tree) of Africa, Cerrado
Qindoomina of South America)
Mukkeenii, oomisha
midhaani fi Beyladaa
waliin qaban
Others Boundary Highland subhumid
(multipurpose tree (trees on edges of tropics (tropical
lots, plots/fields highlands)
apiculture with trees, (e.g. in Kenya,
aquaculture with Ethiopia)
trees,
etc.)
In time (temporal)
* Coincident
* Concomitant
* Overlapping
* Sequential
(separate)
* Interpolated
Source: Nair (1985a).
5. Filannoo akaakuu mukkeen Qonnaa fi Bosonaa walkeessa (choice of species in
Agroforestry)
Akka waliigalaatti ulaagaalee armaan gadii irratti hundaa’uudhaan akaakuu mukeen qonnaa bosona
walkeessaatiif Oolan filachuu dandeenya:-Isaanis
Madaquummaa isaa (Adaptability)
-Biqiltuun Sanyii alaa naannoo keessatti dafee madaqu QBW tiif filatama.
-Biqiltuun biyya keessaa dafee haala qilleensa naannoo waliin wal fudhachuu/madaquu
danda’a.
Saffisa guddinaa mukaa (Growth rate)
-QBW keessaatti dafee biqilee dafee guddachuu danda’u isaa
Nyaata beeyiladaaf mijataa fi madaalamaa ta’uu isaa (Palatability and nutritious as
fodder)
Dandeetti rakkoo dandamachuu qabaachuu (Ability to withstand adverse condition )
Haala guddinaa
-Naqa ijaa oomishaa ilaaluun(Shape of the crown)
-dhaabbina mukaa ilaaluun
-Gad fageenyaa fi tamsaasa hidda biqilaa ilaaluun(Depth and spread of the root system)
-Garaa garummaa qilleensa naannoo keessatti fi mukaa dhaabnu (Variation within the
environment in which the trees are growing).
Guddina cimina qabuu fi omiishtummaa qabuu (Vigor and productivity)
Xaawummaa fi naayitrojiinii biyyee dabaluu (Nutrient cycling and nitrogen fixation)
Kunuunsa fooyya’aa Muka gamashuun oomisha argamu dabaluu.
Dandeetti mukeen kunuunsa mukaaf godhamu (gamashuu) dandamachuuf qabanii. /
Trees' capability to withstand management practices/
Gabatee. 2.Gosoota qonnaa fi bosona wal-keessa gurguddoo naannoo ho’aatiif mijatan
(tropical)
Gammoojjii jiidha qabu Gammoojjii goggogaa Baddaa (high lands)
(Humid Lowlands) /Semiarid Lowlands/
Shifting cultivation Silvopastoral systems Soil conservation
Dabareedhaan Qotuu Windbreaks and hedges
Taungya shelterbelts Silvopastoral
Plantation-crop Multipurpose trees for combinations
combinations fuel and fodder Plantation-crop
Multilayer tree Mutlipurpose trees on combinations
gardens farmlands
Intercropping
systems
6. Akaakuu/gosa qonnaa fi bosona wal-keessaa gurguddoo/ Major AF practices/
Qonna Bosona Walkeessaa Akaakuu hedduu qabu isaan keessaa:-
Biqiltuu Man-duubee (Home Garden Agroforestry)
Dhaabbii biqiltuu lafa qonnaa irratti (Trees on Farmlands/
Tarree bosonaa gidduutti midhaan facaasuu (Alley Cropping)
Dhabbii Biqiltuu bubbee ittisu(qilleensa)/Windbreaks and Shelter Belts
6.1. Biqiltuu Man-duubee (Home Garden Agroforestry)
Biqiltuu man-duubeen gosoota qonnaa fi bosona wal-keessaa keessaa tokko yeroo ta’uu biyyoota
tiroopikaalaa addunyaa hedduu keessatti akka aadaatti hojiirra oolaa kan tureedha.
Biqiltuu man-duubeen walitti qabama biqiltootaa kan of keessaa qaban yoo ta’u, kunis mukkeen,
biqiltuuwwan, wayinii fi biqiltoota baala qaban kan of keessatti hammatee naannoo mana
jireenyaa ykn mooraa manaa keessatti kan hojjetamuudha. Biqilootni gosti adda addaa
dhaabbatan kun miseensotuma maatii sanaatiin kan kunuunfamanii fi omiishni argamus yeroo
baay’ee faayidaadhuma maatii sanaatiif kan ooluudha.
Gosti qonnaa fi bosona wal-keessaa kun yeroo baay’ee naannoo baay’inni uummataa jiruu fi
hanqinni lafaa jirutti bal’inaan hojiirra oola. Dabalees biqiltuu man-duubeen kun naannoo
manaatti waan hojjetamuuf miseensota maatii hundaan kunuunfamuu kan danda’u ta’us yeroo
hedduu garuu dubartootaan kunuunfama. Gosti qonnaa fi bosona wal-keessaa kun dubartootni
akka bal’inaan irratti hirmaataniif carraa guddaa uuma,sababiin isaas dubartootni yeroo isaanii
hedduu naannoo manaatti waan dabarsaniifidha.
Biqiltuu man-duubeen kun beelladdota xixiqqoo kan akka horsiisa lukkuu kan of keessatti
haammatu yeroo ta’u, dabalataanis beelladoota akka hoolaa fi re’eetiif haftee ykn nyaata akka
argatanni gargaara. Dabalataanis ijoolleen xixiqqoon akka faayidaa qonnaa fi bosona wal-
keessaa akka barataniif ga’ee olaanaa qaba.
Amala adda biqilaa man-duubee :
Lafa xiqqoo irratti hojjetamuu isaa (0.25ha)
Miseensa maatii haadha,abbaa, ijoolleedhaan kan kunuunfamu ta’uu.
Baay’inaan kan omiishamu fedhii nyaataa maatii guutuuf ta’uu.
Galteewwan qonnaa xiqqoo baasuudhaan kan hojjetamu ta’uu.
Wabii midhaan nyaataa mirkaneesuu kessatiis gahee gudda qaba.
Misooma Kuduraa, muduraa fi midhaan gosa adda addaa misoomsuun danda’amuu
Waggaa guutuu Qotamuu danda’amuu isaa
Maatii tokkoof galii itti fufiinsa qabuu argamsiisuu isaa
Naannoo manaatti waan dhihaatuuf maatiin hundumtuu kunuunsuu danda’amuu isaa
Gatii xiqqaa dhaan dhiheessii callaa guddifdtuu argamuu fi kunuunsuu danda’amuu isa
6.1.1. Faayidaa biqiltuu man-duubee
Galii dubartoota foyyessu kessatii gummacha guddaa qaba.
Q/bulaadhaaf nyaataaf,mukkeen ijaarsa adda addaatif, bobbesaaf, nyaata beyiladaa fi
qorichaa salphatti argachuuf nuu gargaraa.
Gabbina biyyee ni foyyeessa,dhiqama biyyee ni eega.
Naannoo mana jirenyaa waan ta’eef humna nama sirritt akka fayyadamnu nu
dandeessisa.
Gumaacha fayyaa hawaasa maatii tokkoof qabu guddaa dha.
Maatiin nyaata madaalawaa ta’e akka argataniif ni gargaara.
Omishini omishamu baliinaan nyaata maatiitif fi galii aragamsiisuuf nuu gargara.
Uwwisa bosonaa akka naannoo fi biyyaatti jiru ni foyyeessa.
Nyaata dabalataa mana keessatti akka argannu taasisa.
Bareedina naannoo manaatiif ga’ee guddaa qaba
Ijjoolleen/daa’imman dhimma qonnaa fi bosona wal-keessaa kana irrati hubannoo akka
argatan gargaara
Fakkii 1 Biqilaa man-duubee haala gaarii ta’een hojjetame
6.1.2. Haala hundeefama biqiltuu man-duubee (design)
Biqiltuu man-duubee gosoota biqiltuu gosa garagaraa ofkeessatti haammatan hundeessuuf
malawwan adda addaa fayyadamuun ni danda’ama. Isaanis
Biqiltuu man-dubee ammaan dura hundeeffamee jirutti gosoota biqiloota haaraa itti
dabaluun hundeessuu.
Biqiloota kanaan dura dhaabatanii jiran jalatti wantoota akka kuduraa,muduraa fi
midhaanota hiddaa omiishuu.
Qonnaan bultootni ammaan dura muuxannoo biqilaa man-duubee kana hin qabnes,lafa
qulqulluu qotame irratti akka haaraatti eegaluu ni danda’u.
Biqilaa man-duubee akka haaraatti hundeessuun yeroo fi human namaa bal’aa gaafata.
Biqilootni dhaabaman Beellada garagaraan akka hin miidhamneef dalleeffamuu qaba.
Biqiltuu man-duubee kana raawwachuuf karoorsuun dura dhimmoota armaan gadii gutamuu
qabu
Qonnaan bulaan sanyii fi biqiltuu dhimma sanaaf ta’u argachuu qaba
Gosa biqilootaa,muduraa fi kuduraa garagaraa dhaabbachuu qaban irratti odeeffannoo
ga’aa ta’ee dursee argachuu qaba
Biqiltuu man-duubee kana hundeessuuf qonnan bulaan tokko,gosa biqiloota
dhaabbachuu qabanii,wal-irraa fageenya hammamiitiin dhaabbachuu akka qabanii fi
akkataa kunuunsa isaanii irratti dursee hubannoo ga’aa argachuu qaba.
Dhumarratti, qonnaan bultoonni odeeffannoo dhimma oomisha irratti, gatii gabaa
oomishaalee yeroo ammaa fi ta’uu danda’anii fi hamma humna namaa fi galteewwan
biroo-kan akka xaa’oo, keemikaalaa ykn qoricha ilbiisota- guddina murtaa’eef
barbaachisan argachuu qaba.
6.1.3. Filannoo gosa mukaa
Gosti biqiloota garagaraa, biqltuu man-duubee keessatti haammatamanii qabxiiwwan armaan
gadii irratti hundoofnee filachuu qabna.
Haala qilleensaa naannoo sanaa irratti
Fedha Qonnaan bulaa irratti
Amala biqlootni qaban irratti
Haaluma kanaan gosti biqilaa biqiltuu man-duubee kanaaf filatam
Biqillota gaaddisni isaanii hin baay’annee ta’uu qaba
Hiddi isaanii gadi fagoo kan ta’e (deep rooted)
Rakkoo qilleensa/bubbee hamaa kan dandamatu ta’uu qaba
Mukken nutti filanuu muka biyya keessaa tahan yoomu ta’uu guddini issanii suuta kan
guddatan fi iddo filatamanitti kan dhaabaman ta’uu qaba
.Fkn Ejarsa,Wadessa fi Hexoo fi kkf.
Gosa margaa keessaa faayidaa xaawummaa lafaa nuuf dabalu danda’an filachuun mukka
jalatti dhaabuun barbaachisaadha
Mukeen filannu irrati off egganoo gochuu kan qabnu midhaan facaasnuu irratti kan
gadisa tahan fi omisha kan xiqqeessan tahuu hin qaban.
Gostii muka filannu hala qillensaa nannoo sana irratti kan hundaa’e fi bu’a gudda kan
nuuf kennan ta’u qaba..
FKN waddeessa (CordiaAfricana), Albizzia gummifera, Moringa spp, Acacia spp, kkf
Gosa muduraa keessaa galii guddaa kan argamsiissu ta’uu qaba.
Fkn Mango,Avocado,Pappayaa fi Buna yoo ta’ee irra filama dha
Gosa kuduraa nyataaf oolan keessaa
FKN; dinicha, mixaaxisa , raafuu, Timaatima shunkurta dimma, Qulubii, Ananas,
Cassava and other root crops.
Haaluma kanaan gosti biqiloota,muduraa fi kuduraa biqiltuu man-duubee kana keessatti
haammatamuu qabanii
Gaaddisaaf (Trees for shade): “Ficus sycomorus, Cordia africana, Albizia”
Muduraaf (Fruit trees): “Mangifera indica, Citrus spp. Prunus Americana, Anacardium
occidentale, Carica papaya, Percea americana”
Bareedina magaalaaf. (Ornamental trees): “Delonix regia, Jacaranda mimosifolia
Gabatee 3.Gosoota biqiltuu garagaraa biqilaa man-duubeef mijatoo ta’a
Gosa mukaa /Woody Gosa mukaa hin taane/Herbaceous
Anacardium occidentale (Cashew) Allium species (onion)
Carica Papaya (paappayya) Arachis hypogaea (ground nut)
Citrus species (burtukaana) Brassica oleracea (cabbage)
Manihot esculenta (cassava) Cucurbita species (pumpkin)
Passiflora edulis (passion fruit) Ipomoea batatas (sweet potato)
Percea americana (Avocado) Lycopersicon esculentum (tomato)
Psidium guava (guava) Musa species (banana)
Biqiltuu man-duubeen kun bakka haala gaarii ta’een hundeeffametti gosa biqiloota qorichaaf
oolanii,mi’eessituuwwan,kuduraa fi muduraawwan biyya keessaa of-keessatti ni dabalata.,
6.1.4. kunuunsa biqiltuu man-duubeef godhamuu qabu
Gosoonni adda addaa hedduun jiraachuu isaanii irraa kan ka’e biqiloota gosa garagaraa kana
gidduutti waliin jireenyaa fayya qabeessa ta’e akka qabaataniif kunuunsaa ga’aa ta’eefii of
eeggannoo barbaachisu gochuu qabna.
Addaan fageenyi mukaa dhaabbatan haala bakki gahaan gosoota muduraa biraatiif
argamuu danda’uun ta’uu qaba. Haaluma kanaan
-wal-irraa fageenyi biqilaa tokkoof kan biro gidduu jiru meetira 2-4 ta’uu qaba.
-wal-irraa fageenyi toora biqiltuu gidduu jiru kan murtaa’u gosaa fi amala biqiltuu
dhaabbatuu, akkasumas gosa muduraa biqiltuu gidduutti dhaabamuu irratti kan
hundaa’u ta’a. Kanaafuu wal-irraa fageenyi toora biqiltuu gidduu meetira 6-20 gidduu
ta’uu qaba.
Biqiltuun dhaabbate kun gaadisni isaa muduraa jala dhaabbatu akka hin miineef latiin
isaa yeroo yerootti akkataa barbaachisummaa isaatti ilaalame irraa hir’ifamaa deemuu
qaba.
Yeroo dameen biqilootaa baay’atan yeroo yerootti akkaataa barbaachisummaa isaatti
dame xixiqqoo fi dadhaboo ta’an irra hir’isuun barabaachisaa ta’a.
Mallattoon dhukkubaa akka mul’ateen dafanii to’chuu.
Biqiloota keessaa sababa garagaraatiin gogan bakka buusuun barbaachisaa ta’a
6.2. Dhaabbii biqiltuu lafa qonnaa irratti (Trees on Farmlands)
Dhaabbiin biqiltuu lafa qonnaa irratti gosoota qonnaa fi bosona wal-keessaa tokko yeroo
ta’uu,biqiloota mukaa wal-irraa fageessuun maasii qonnaa irratti dhaabuudhaan jala isaa immoo
midhaan omiishuudha.Akkaataan dhaabbii isaa biqiloota kana wal-irraa faffageessuun
dhaabamuu ni danda’a,ykn toora isaa eeguudhaanis dhaabamuu ni mala.
Gochi dhaabbii biqiltuu lafa qonnaa irratti dhiisuu kun akkaataa gosa mukaa fi kunuunsa
godhamuu irratti hundaa’ee haala qilleensa baddaa,badda-daree fi gammoojjii keessatti hojiirra
ooluu ni danda’a
Gochi dhaabbii biqiltuu lafa qonnaa irrattii kun kan hundeeffamu:
Mukeen ammaan dura maasii irra jiran kunuunsuu fi eeguun ta’uu danda’a YKN
biqiloota haaraa dhaabuu kan dabalatu ta’uu danada’a. Ykn immo biqiltuuwwan bakka
sanatti dhaabbatanii jiran karaa haaromsa uumamaatiin of eeggannoodhaan kunuunsuu fi
eeguu irratti hundaa’uu mala.
6.2.1.Diizaayinii ittiin dhaabbiin biqiltuu lafa qonnaa irratti hundeeffamu
Dhaabbiin biqiltuu lafa qonnaa irratti dhaabuun sababoota armaan gadiitiif barbaachisa.Isaan
keessaa warrii gurguddoon
Omiisha midhaanii argamuu guddisuuf
Bu’aa oomisha qonna walmakaa irraa argamu dabaluuf,
Midhaan gosa tokkoo qofa deddeebisanii facaasuu iraa oolchuf,
Filannoo bu’aa qonnaa adda addaa jiru guddisuuf,
Iddoo eeggamaa ta’etti oomisha barbaadamu xiyyeeffannaan oomishuuf
Wal-irraa fageenya biqilaa gidduu jiru murteessuun kan danda’amu:
Guddinaa fi barbaachisummaa mukaa sanaa irratti
Biqiltuu kan biroo wajjiin dhaabamu Nyaata akka wali-hinsaamnetti fi kkf irratti
hundaa’uun Dizaayinii qopheessuun ni danda’ama.
Haaluma kanaan mukeen gaaddisa bal’aa (canopy)qaban FKN fiderbia Albida (Garbii)
Mukootii xixiqqaaf 10mX10m ykn 12m X12m wal-irraa fegeessuun dhaabuudhaan
lafa hekitaara tokko irratti biqilaa hanga 100 dhaabuun ni danda’ama.
Yeroo Filannoo
Gosa Mukaa dhaabbamuu wanti itti xiyyeeffatamuu qabu keessaa:
Qonnaaf haala mijataa uumuu, bubbee ittisuu fi gaaddisaaf.
Hidda gadi fagoo qabaachuu isaa,
Ifa aduu fi gaaddisa gaarii kan qabu.
Dandeetti Naayitroojiinii biyyeetti dabaluun biyyee fooyyessuu
danda’u.
Ilbiisota adda addaatiif iddoo dhokaataa kan hin-taane. (No
tendency to harbor crop pests).
C. Iddoo dhaabbii Biqiltuu Hundeessuu (Establishment)
Biqiltuun QBW oolu / hundeessinu buufata biqiltuu ykn
uumamaan kan biqilu irraa ta’uu danda’a. (Could be through
natural regeneration or from nursery’s.
Fakkii. 2. Biqilaa lafa qonnaa irratti dhaabbate
6.2.2. Filannoo gosa biqiltuu (species selection)
Biqilaan dhaabatu qabxiiwwan armaan gadii irratti hundaa’ee filatamuu qaba
Faayidaa akka waliigalaatti inni kennuu fi bu’aa inni argamsiisuu irratti
FKN: Nyaata Beyladaa, Muduraalee,Muka Xaawulaa, Qoraaniif , Muka
qorichuummaaf oolan fi kkf.
Bu’aa qilleensa naannootiif yeroo dheeraa keessatti qabu irratti hundaa’ee filatama
FKN: Dhiqama biyyee hir’isa,gabbina biyyee eeguu,dhiibbaa qilleensaan uumamu
hir’isa,haala qilleensaa mijataa midhaaniif uuma,akka gaaddisaatti ni tajaajila.
Biqilaan maasaa qonnaa irratti dhaabbatu midhaan faca’uu waliin albuuda fayyadamuu irratti
dorgommii xiqqaa kan godhu YKn tasuma kan hin dorgomne ta’uu qaba,yoo danda’ame immo
guddina midhaaniif gumaacha kan godhu ta’uu qaba.Kunis
Biqilaa hidda gadi fagoo qabu
Biqilaa gaadisni isaa salphaa ta’ee fi ifa aduu galchuu
Dandeettii albuuda naayitiroojiinii biyyeef dabaluun gabbina biyyee foyyessuu qaba
Ilbiisota adda addaa omiisha midhaanii midhaniif dawoo kan hin taane
Gosti biqilaa hedduun biqilaa lafa qonnaa irratti dhaabamuuf oolan hedduun kan jiran ta’us
Fiderbia Albida (Garbiin )sadarkaa jalqabaa irratti kan filatamu ta’a.Kana malees gosootni
biqilaa biyya keessaa fi alaa kaayyoo kanaaf oolan kan akka Croton macrostachyus
(bakkanniisaa), Faidherbia albida (Garbii), Cordia Africana (Waddeessa), Ficus thunninghii
(qilxuu), Ficus sycomorus (harbuu), Acacia syal, Acacia abyssinica (Laaftoo Biyya keessaa) kkf
fayyadamuun ni danda’ama.
Sababoota Fiderbia Albida (Garbiin) maasaa qonnaa irratti dhaabuun biqiloota gosa kan biro
caalaa filatamaa ta’eef:
Baalli isaa yeroo bonaa hin gogu irraas hin harca’u,adeemsa keessa yeroo ganni dhufaa
adeemuu baalli isaa harca’aa deema.Sababa kanaaf yeroo gannaa gaaddisni isaa xiqqaa
waan ta’uuf omiisha midhaanii irratti dhiibbaa isaa xiqqaa ta’a.Dabalataanis yeroo bonaa
baalli isaa waan hin gogneef akka nyaata beelladaattii fi gaaddisaatti tajaajila.
Dabalees baalli muka irraa harca’u albuuda naayitiroojiinii guddaa waan of-keessaa
qabuuf gabbina biyyee foyyeessuu keessatti ga’ee olaanaa taphata.Akkasumas
beelldootni gaaddisa mukaatiif yeroo maasaa keessa seenanitti dhoqqee (manure) isaanii
achii keessatti waan dhiisaniif gabbina biyyee haalaan akka foyya’u godha.
Qorannoon geggeeffame tokko akka mul’isutti,sababoota olitti caqafaman kana irraan
kan ka’e gabbinni biyyee fooyya’ee omiishni midhaanni hanga dhibbantaa jaatamaa
(60%) akka dabale ni ibsa.
Baay’ina biqilaa maasaa tokko irratti barbaachisuu murteessuu kan danda’amu bal’ina lafa
biqilaan irra dhaabatuu fi amala gosti biqilaa dhaabbatu sun qabu irratti hundaa’eetu.
Akka waliigalaatti baay’ina biqilaa lafa irratti dhaabbatu kan murteessu:
Furdina biqilaa dhaabbatuu
Furdinaa fi baay’ina dameelee biqilaa dhaabbatu
Bal’ina baala biqilaa dhaabbatuu fi amala gaaddisa (shade) uumuu isaa
Waluumaa galatti uwwisa gaaddisa uumuu biqilaa dhaabatu
6.2.3 .Kunuunsa biqiltuuf godhamuu qabu
Biqilaan maasii qonnaa keessaa erga dhaabbatee booda kunuunsa barbachisu hunda gochuun
murteessaadha. Isaan kunis:
Lafti biqilaan irra dhaabbatu rakkoo rimmaa yoo kan qabu ta’e dursanii to’achuun
barbaachisaadha.
Sadarkaa xiqqumma (at seedling stage) isaaniitti haramuu,xaa’essuu,shooggaruu,bishaan
obaasuun barbaachisaa ta’a.
Kan du’e yoo jiraate bakka buusaa demuun
Latiinsa biqilaa yoo heddummaate irraa hir’isuu/haphisuu (thinning) barbaachisaa dha
Gaaddisni muka yoo baay’atu irraa haphisuu (pruning)
Mallattoon dhukkubaa yoo mul’ate dafanii fala akka argatu taasisuu.
6.2.4. Faayidaa biqilaa lafa qonnaa irratti dhaabuun qabu
Gabbina biyyee foyyessuu, jiidhinsa biyyee ni dabala,haramaa ni to’ata,bishaan lafa
keessa akka seenuu ni gargaara.
Dhiqama biyyee ni hir’isa
Nyaata beelladaatiif ni oola
Mukti isaa poolii ibsaatiif ni oola.
Nyaata bilcheessuuf akka qoraaniitti nuu fayyada
6.3. Tarree Biqiltuu Bosonaa Gidduutti Midhaan Facaasuu /Alley Cropping or Hedgerow
Intercropping
Tarree biqiltoota mukaa gidduutti midhaan waggaa facaasuudhaan kunuunsuu of keessatti
qabata.
Biqilootni mukaa dhaabbatan kun yeroo yeroon irraa muramaa deemuu qabu.Baallii fi jirmi
biqiloota kana irraa muramus lafa midhaanni irratti faca’e irratti afamee faayidaawwan akka:-
aramaa to’achuu, jiidhinsa biyyee dabaluu fi gabbina biyyee akka dabaluu ni taasisa
Kaayyoon tarree biqilaa gidduu midhaan facaasuu inni ijoo:-
Gaabina biyyee foyyessuu, aramaa to’achuudhaan omiishni midhaanii akka dabalu
taasisuudha.Kaayyoon isaa inni jalqabaa omiisha midhaanii guddisuu ta’us faayidaalee
kan biroo hedduus ni qaba.
Yeroo baay’ee tarree biqiltuu bosonaa gidduu midhaan facaasuun kan inni hojiirra oolu/hoojjetu
bakkeewwwan omiishni midhaanii akka guddatu itti barbaadamuu fi garuummoo rakkoon
gabbinni biyyee itti mul’atu keessatti dha. Haalli kun yeroo baay’ee amala naannoo namoonni
baay’inaan jiraatan keessatti kan hojjiirra ooluu dha.
Fakkii. 3 Tarre biqiltuu bosonaa gidduu midhaan haala gaariin faca’e
6.3.1 .Diizaayinii tarree biqilaa bosonaa keessa midhaan facaasuu
Biqiltoonni mukaa akka tarreedhaan lafa qonnaa keessatti kan dhaabbatan yoo ta’u, kunis bu’aa
gaarii guddisuu fi dhiibbaa hamaa mukkeen kunuunsa midhaanii fi oomisha irratti qaban
xiqqeessuudha.
Mukkeen maasaa qonnaa keessa dhaabbatan soorata biyyee, jiidhina biyyee fi ifa argachuuf
midhaan qonnaa waliin dorgomu. Haa ta’u malee, gosti mukkeen sirrii ta’an addaan fageenya
sirrii irratti, kunuunsa sirrii ta’een yoo dhaabbatan, oomisha lafa midhaanii irraa argamu irratti
daballii qulqulluu fiduu danda’a. Omiisha midhaan waggaatiin aragamuun alattis,mukkeen
dhaabbatan irraa oomisha haaraa, kan akka muka boba’aa, nyaata horii fi kkf ni argamasiisa.
Haala tokko tokko keessatti, bu’aan tarree biqiloota bosonaa keessa midhaan facaasuu, oomishni
midhaanii hatattamaan fooyya’uu isaatiin kan mirkanaa’u yoo ta’u, haala kaan keessatti-tarii
bu’aan tarree biqilaa bosononaa keessa midhaan facaasuun irra caalaan isaa fooyya’iinsa yeroo
dheeraa karaa itti fufiinsa qabuun gabbinni biyyee dabaluu irraan kan mul’atuudha.
Wal-irraa fageenyii fi taa’umsa tarree biqilaa bosonaa maasaa qonnaa keessa dhaabbatu
murteessuun kan danda’amu qabxiiwwan armaan gadii irratti hundaa’eetu.Isaanis:
Gosa biqilaa, dhundhula lafaa,haala qilleensa naannoo sanaa,haala gabbina biyyee fi wal-
irraa fageenya sochii namaa fi meeshaa qonnaatiif barbaachisu.
Fakkii. 4. Diizaayinii tarree biqilaa bosonaa keessa midhaan facaasuu qophaa’e
Fakkii .5. Diizaayinii tarree biqilaa bosonaa keessa midhaan facaasuu qophaa’e
Akka yaadaatti, biqiltoonni gama lachuu guyyaa ifa aduu guutuu akka argataniif, tarreen biqilaa
dhaabbatuu kallattii bahaa-dhihaatti dhaabbachuu/ kaa’amuu qabu. Akka waliigalaatti yeroo
baay’ee wal-irraa fageenyi tarree tokkoof kan biraa gidduu jiraachuu qabu meetira 4-8 fi
mukkeen tarree keessa dhaabbatan gidduutti seentiimeetira 25 hanga meetira 2 ta’a.
Akka waliigalaatti fageenya walitti dhiyoo naannoo jiidha qabutti kan fayyadamnu yeroo ta’u,
addaan fageenya bal’aan naannoo jiidha xiqqaa jirutti ykn walakkaa goggogaa ta’utti
fayyadamna.
Lafoota dhundhulli isaanii olk’aa ta’e irratti tarreen biqiloota dhaabamanii kontuurii (contour)
isaa eegee dhaabbachuu qaba.Kana jechuun kallattii bahaa-dhihaa dheeguun hin barbaachisu
jechuudha.Kanaafuu midhaan tarree biqilaa bosonaa gidduu faca’an garmalee gaaddisa
mukaatiin akka hin golgamneef/uwwifamneef yeroo hunda biqiloota bosonaa dhaabbatan sana
irraa cicciruu ykn latii isaa irraa hir’isuu barbaachisaa ta’a.
6.3.2. Filannoo gosa biqilaa (species slelection)
Biqiloota bosonaa tarree midhaanii keessa dhaabbatan amaloota armaan gadii qabaachuu
qaba:-
Baalli isaa kan hin gobbannee fi ifa aduu galchuu kan danda’u ta’uu qaba.
Yoo muramu/gamashamu deebi’ee ariitiin kan latu ta’uu qaba.
Nyaata akka wal hin-saamnetti hidda gadi fagoo; kan lafa irra hin yaane ta’uu qaba.
Baalli isaa harca’u dafee kan tortoruu fi gabbina biyyee kan dabalu ta’uu qaba.
Dandeetti albuuda naayitiroojiinii jedhamu biyyeetti kan dabalu
Hongee, Sogidummaa fi asiidummaa lafaa kan dandamachuu danda’u ta’uu qaba
Midhaan faca’u waliin albuuda akka wal-hin saamneef hidda gadi fagoo qabaachuu qaba.
Tarree biqiloota bosonaa keessa midhaan facaasuu kanaaf yeroo baay’ee mukoota gosa
leguminasii ta’anii fi albbuda naayitiroojiinii biyyeef dabalan ofkeessatti haammata.
Yeroo hedduu gosa biqilaa Leucaena leucocephala(Luusiiniyaa) jedhamu bal’inaan kaayyoo
kanaaf hojiirra ni oola.Filannoon kan biraan sesbania sesban (sasabaaniyaa) dha.
Gosoota biqilaa tarree midhaanii keessa dhaabuuf filatamoo ta’an: Chaemecytisus palmensis
(tree lucern), Erythrina abyssinica, Erythrina brucei and Acacia decurrens, Sesbania sesban
(sasbaaniyaa), Croton macrostachyus, Calliandra callothyrus, Leucaena leucocephala
(luusiiniyaa), Cajanus cajan.
Fakkii. 6. Tarree biqilaa bosonaa keessa midhaan facaasuu haala gaariin hundeeffame
6.3.3. Kunuunsa biqilaa bosonaaf godhamuu qaban
Tarreen biqilaa bosonaa kan hundeeffamu/kan dhaabbatu kallattiidhaan sanyii maasaa irratti
facaasuun ykn biqilaa buufata biqiltuu irratti guddate dhaabuun ykn immoo sanyii osoo hin
fayyadamin/cutting dhaan ta’uu danda’a.
Sadarkaa xiqquummaa isaa irratti beelladoota garagaraatiin akkasumas ilbisootaan akka hin
miidhamne eegumsii fi kunuunsi ga’aan godhamuufii qaba.
Erga hundeeffamanii booda, mukkeen fi biqiltoonni lafa midhaanii keessatti dhaabbatan yeroo
baay’ee jalqaba cicciruu/latii isaa haphisuun dura ji’oota 6 hanga 18tti akka guddatan
dhiifama.Yeroon itti latiin isaa haphachuu qabuu,cimina, guddina hidda fi olka’iinsa biqilaa
dhaabbatee irratti hundaa’a.
Bakka jiidha hin qabne ykn naannoo walakkaa goggogaa ta’ee fi dandeettiin oomishaa olaanaa
qabutti, biqiltuun erga dhaabamee ji’oota 6 hanga 12 keessatti muramuu kan danda’u yoo ta’u,
naannoo goggogaa/gammoojjii ta’etti muruun/haphisuun yeroo baay’ee erga dhaabamee booda
ji’oota 12 hanga 18 ykn kana caalaa turuu qaba.
Biqilaa dhaabbate olka’iinsa 30 hanga 60cm irratti dameen isaa akka baay’atee dhaluuf irraa
muramuu qaba (coopicing). Akkasumas olka’iinsuma kana irratti dame baala qabuu keessa
keessaa deemanii (lopping) ji’atti al tokko (yeroo midhaanii faca’uu eegaluu) hanga waggaatti al
tokkoo (naannoo jalqaba midhaanii) gidduutti irraa muruu/haphisuun barbaachisaa ta’a.
6.3.4. Faayidaa tarree biqilaa bosonaa keessa midhaan facaasuu
Albuuda biyyee keessa jiru midhaanni haala gaariin akka fayyadamu taasia
Hammamii kaarboonii biyyee keessaa fi biqilaa keessa akka dabalu taasisa
Dhiqama biyyee ittisa.
Sirna hojmaata oomiishaa fooyyessa
Oomishtummaa itti fufiinsa akka qabaatu taasisa.
Xaa’ummaa biyyee dabaluun oomiisha guddisa.
Jireenyabineensotaatiif haala mijataa uuma
6.4. Dhabbii Biqiltuu bubbee/ qilleensa ittisu/Windbreaks and Shelter Belts
Biqiltuu bubbee/qillensa dhorku jechuun biqiltuuwwan mukaa, lafa qonnaa,naannoo mana
jireenyaa, sulula, ykn naannoo biroo qilleensa akkasumas biyyee fi cirracha qilleensaan akka hin
hin fudhatamne eeguuf dhaabamaniidha.
Biqiltuu bubbee dhorku/ittisu sababoota hedduudhaaf kan dhaabaman yoo ta’u: Isaanis:-
dhiqannaa biyyee hir’isuuf,
haala qilleensaa midhaan guddisuuf mijataa ta’ee uumuuf
namootaa fi beeyladaaf bubbee hamaa irraa akka eegaman taasisuufidha.
Daangaa adda baasuuf/sararruuf,dallaadhaaf
Bakkota yeroo hedduu bubbeen ykn qilleensi dhiqama biyyee fi dhabamuu jiidhinsaatiif sababa
guddaa ta’utti, biqiltuu qillensa ittisu dhaabuun omiisha midhaanii dabaluuf murteessaadha.
Yeroo baay’ee qilleensi biyyee akka hin fuudhee hin deemneef margaa fi biqiltoonni baala
mukaa bu’uura mukaa irratti dhaabamu. Biqiltuu bubbee ittisu dhaabuuf yeroo karoorsinu
diizaayiniin isaa yoo sirnaan qophaa’e saffisa bubbee hir’isuudhaan biyyeen akka hin fuudhamne
godha.Biqiltuun bubbee ittisu kun yeroo baay’ee biqiloota gaggabaaboo (shrubs) fi margoota
garagaraa ofkeessatti qabatee tarree tokkoon ykn isaan oliin kan dhaabamuudha. Yeroo baay’ee
qilleensi biyyee akka haree hin fuuneef, margaa fi biqiltoonni baala mukaa bu’uura mukaa/base
irratti dhaabamuu qabu .Biqilootni bubbee ittisan kallattii qillensi cimaan bubbisuudhaan lafa
miidhuu danda’u ilaalamee digirii 90 parpandiikularii yoo dhaabbate bu’a qabeessa ta’uu
danda’a.
Qonnaan bultootni yeroo baay’ee omiisha midhaanii,madda bishaanii,biyyee s mana jireenyaa
isaanii aksumas, maasaa qonnaa lafa dirree ta’e irra jiru bubbee cimaa irraa ittisuuf biqiloota
bubbee dhorkan dhaabu.
FKN: Euphorbia tirucalli (Adaamii) tooraan dhaabbate maasii boqqolloo fi mana jireenyaa
bubbee irraa ni eegu.
6.4.1. Diizaayinii biqiltuu bubbee ittisuu
Biqiltuu bubbee ittisu dhaabuuf karoorsuun dura bu’aa fi kisaara (cost and benefit) inni
qabaachuu danda’u irratti xiinxala geggeessuun barbaachisaadha.Bu’aan biqiltuu kana dhaabuu
keenyaan argannu baasii nuti bqiltuu kana dhaabuuf baasnuu ol yoo ta’e qofa hojii kanatti galla.
Lafa dheeraa irratti bqiltuu bubbee ittisu kana dhaabuun kan danda’amu bu’aa inni kennuu irratti
hundaa’uudhaan waliigaltee namootni daangaan lafa isaanii waliitti aanu
godhaniinta’a.Namootni daangaan lafa isaanii walitti aanee jiru waliif hingalan taanaan dhaabbii
biqiltuu bubbee ittisu kana hojiirra oolchuun ulfaataa ta’a.Karaa biraatiin biqiltuu bubbee ittisu
kana qonnaan bulaa dhuunfaa lafa bal’aa qabuu fi biqiltuu dhimma kanaaf ta’u dhaabuuf fedha
qabu biratti dhaabuun ni danada’ama. Haata’u malee,biqilaan bubbee ittisu dheerina
gabaabaadhaan gaafa dhaabbatu dandeettiin dhiqama biyyee fi bishaanii ittisuu inni qabu xiqqaa
ta’a. Osoo biqilaa bubbee ittisu lafa dheeraa ta’e irratti dhaabuuf hin karoorsin dura, odeeffannoo
dhimma haala bubbee fi haalota qilleensaa naannoo sanaa sassaabbachuu fi xiinxala geggeessuun
barbaachisaadha.
Figure. 7 .Dizaayinii biqilaan bubbee ittisu qophaa’e
Biqiltuun bubbee ittisu kun yeroo dizaayiniin isaa qophaa’u lafa waliinii ykn lafoota walitti
aanan of-keessatti haammata yoota’e dursanii haala kunuunsuu itti danda’an irratti,haala bu’aa
biqiloota sana irraa argamu qooddatan irratti dursanii waliigaltee irra ga’uun barbaachisaa
ta’a.Waliigalteen kun kan ta’uu qabu dursee osoo biqltuun hin dhaabbatin ykn osoo gosti biqiltuu
dhaabbachuu qabuu osoo hin filamin, akkasumas wal-irraa fageenya biqiltuun ittiin dhaabbatu
osoo hin murtaa’in ta’uu qaba.Dabalees, akkaataa biqiltuu dhaabbate kana kunuunsuu fi eeguun
akksumas irraa fayyadamuun danda’mu irratti waliigaltee irra ga’amuu qaba.Biqiloota
dhaabbatan yeroo irraa muranii fayyadaman akkaataa biqilaan sun haphatee dhiqama biyyee fi
bishaanii eeguu hin dandeenyeen ta’uu hin qabu.
Bakka sararri qabeenyaa, daandii, gamoo ykn amala uumamaa addaan fageenya hin
daangessinetti, wal-irraa fageenyi biqilaa bosonaa ittisu tokkoo isa kan biraa irraa fagaachuu
qabu dheerina mukkeen dhaabataniitiin murtaa’a. Biqilaan bubbee ittisu sirnaan qophaa’e tokko
yoo xiqqaate dheerina mukkeen dheeraan dachaa 10 ta’e eeguu danda’a, kanaaf, mukkeen
dheerinni isaanii meetira 10 yoo ta’e, midhaan hanga meetira 100 ta’u irra jiru eeguu ni danda’a.
Akkuma dheerinni biqilaa bubbee ittisu tokkoo fi isaa biraa gidduu jiru wal-irraa fagaachaa
adeemuun dandeettiin inni bubbee ittisuu danda’uus akkasuma hir’achaa adeema.
Akkasumas, addaan fageenyi biqilaa dhaabbatu gidduu jiru kan murtaa’u barbaachisummaa
kaayyoo eegumsaa fi oomishaa biqiltuu irraa argamu irratti hundaa’a. Kaayyoon duraa nuti
biqilaa bubbee ittisu dhaabnuuf inni duraa yoo omiisha biqilaa dhaabbaturra argamu fayyadamuu
ta’e, fayyadamtoonni biqiloota gaggabaaboo baalli isaanii nyaata beelladaa, qoraan fi
faayidaawwan garagaraa irraa argachuu danda’an dhaabuu qabu. FKN’f bu’aan biqiltuu irraa
argachuu barbaadnu saanqaa yoo ta’e wal-irraa fageessinee dhaabuu qabna.Gama biraatiin
kaayyoon nuti biqilaa bubbee ittisu dhaabnuuf omiisha midhaanii bubbee irraa ittisuu yoo ta’e,
biqiltuun akkanni hojjaan isaa dheratuuf dhiisuun barbaachisaa ta’a.
Biqilaan bubbee ittisu yeroo dhaabbatu jala isaa bubbeen akka hin seenneef sirriitti margootaan
uwwifamuu qaba. Kunis sochii qilleensaa ykn bubbee to’annaa malee muka keessa darbu ittisuuf
akkasumas uwwisa biyyee qilleensa irraa eeguuf fayyada. Dogoggorri dizaayinii irratti uumamu
haala kana hammeessuu dandaʼa. Sadarkaan gadii banaa ta’ee osoo hafe sadarkaan gubbaa
garmalee yoo cufaa ta’e, bu’aan isaa midhaan gama qilleensa gadiitti biqilu irratti miidhaa
guddaa geessisuu danda’a.
Figure .8 .Diizaayinii biqilaa bubbee ittisuu
6.4.2. Filannoo gosa mukaa (choice of species)
Bubbee ittistoonni bu’a qabeessa ta’an olka’iinsa isaanii guutuu irratti, lafa irraa kaasee hanga
gonfoo muka dheeraa ta’anitti, qilleensi akka hin sochooneef danqaa walakkaa ce’uu danda’u ni
kennu. Walumaagalatti, mukkeen guddina dhiphoo qabanii fi dhaabbata gaarii qaban bubbee
ittisuuf ni filatamu, kunis lafa oomisha midhaanii irraa akka hinsaamneef ni fayyada akkasumas
qilleensa ittisuuf mijataa dha.
Yeroo baay’ee gosti biqiltuu kaayyoo bubbee ittisuu kanaaf dhaabbatan:
Bocni muka bubbee ittisuu dhaabbatan akkuma mukkeen guddatanitti waan jijjiiramuuf, yeroo
baay’ee gosoota hedduu saffisa guddinaa, bocaafi guddina adda addaa qaban tarree sadii fi isaa
ol walitti makuun barbaachisaadha. Gosoota biqilaa warra guddina ariifachiisaa qaban kaayyoo kanaaf
oolchuun barbaachisaadha. FKN’f Eucalyptus spp, Grevillea robusta, Casuarinas spp (shuwaashuwwee)
kan dhaabamuudha.
Gosootni biqiltuu akkasii kun yeroo baay’ee umurii dheeraa waan hin qabaanneef biqiloota umurii
dheeraa qaban waliin walitti qindeessanii dhaabamuu qabu. Biqiloota gosa garagaraa walitti qindeessanii
dhaabuunis dabalataan faayidaawwan garagaraa: dhukkubaa fi ilbiisota garagaraan akka hin miidhamneef
ni fayyada, omiishaalee gosa garagaraa muka dhaabbatu irraa argachuufis ni fayyada.
Mukkeen tokko tokko kan akka, kan akka us Azadirachta indica (true neem tree) fi gosoota Casuarina fi
Eucalyptus, qilleensa ittisuu keessatti sababa waliin fayyadamuu qabu. Yukaaliiptas/baargamoo kophaa
isaa fayyadamuun/dhaabuun hin gorfamu , sababiin isaas argama bishaanii fi oomishtummaa midhaanii
naannoo sana jiru irratti dhiibbaa hamaa qabaachuu danda’a. Mukkeen damee hedduu qaban ykn
babal’atan kan akka Azadirachta indica (Biqilaa Niimii) yeroo yeroon latii isaa haphisuun ykn ciramuu
baannaan lafa midhaanii irratti dhiibbaa geessissuu danda’a.
6.4.3.Kunuunsa biqiltuu bubbee ittisaniif godhamuu qabu
Biqilootni bubbee ittisuuf dhaabbatan caasaa sirrii ta’ee fi guddina gaarii akka qabaataniif yeroo
yeroodhaan kununsa barbaachisu (latii haphisuu fi kkf) gochuun murteessaadha.Akkasumas yeroo
muraman of eeggannoodhaan ta’uu qaba.Haaluma kanaan biqilaan dhaabbate lafaa oli hanga meetira
lamaa fi walakkaa olsiquudhaan yeroo yeroon irraa muruun (poolaard) gochuun barbaachisaadha.
Figure 9 Biqiltuu bubbee ittisuuf dhaabbatan haala ittiin latiin isaa muramu
6.4.4. Faayidaa Biqiltuu bubbee ittisuu
Biqilaa bubbee ittisu dhaabuun faayidaalee garagaraa hedduu qabu.Isaan keessaa muraasni:
Dhiqama biyyee fi bishaanii ittisuudhaan omiisha mukaa fi midhaanii akka dabalu
godha.Qorannoon biyya Niger’tti geggeefame tokko akka mul’isutti maasaa midhaanii bubbee
irraa eegamee fi kan hin eegamne waliin wal-bira qabamee ilaalame akka mul’isutti kan bubbee
irraa eegame omiisha bishingaa fi daagujjaa hanga parsantaa 23’tti akka dabale ni agarsiisa.
Dabalataanis qoraannoon biyya Sudaanitti geggeeffame tokko akka mul’sutti biqilaa bubbee
ittisuu dhaabuun bishaan akka hin eegamu gochuudhaan lafa jallisii irratti omiishni akka dabalu
taasiseera.Gama biraatiin omiishni biqilaa mukaa dhaabbatu irraa argamu bu’aawwan garagaraa kan
akka nyaata beelladaa,saanqaa fi qoraaniif ni fayyada.
Biqilaa bubbee ittisu dhaabuun, qorraa garmalee fi ho’a ol’aanaa hir’isuuf ni fayyada.Ho’i
olaanaanbeelladni akka baay’inaan wal hin horre, omiishni aannanii fi foonii akka hira’atu taasia.Gama
biraatiin qorri garmalee beelladni xixiqqaan dhalatan akka hin guddanne taasisa.Kanaafuu rakkoo gama
lachuutiin mudatu hambisuu keessatti ga’een biqilaa bubbee ittisuu olaanaadha.
7. Kunuunsa biqiloota qonnaa fi bosona wal-keessaa dhaabbataniif godhamu
Gaheen guddaan hojii kunuunsuu qonnaa fi bosona wal-keessaa keessatti midhaan walitti
makame sirna itti fayyadama lafaa kenname gidduutti waliin jireenya fayya qabeessa ta’e
deebisuudha.
Biqiltoonni bosonaa ykn mukaa yeroo baay’ee sirna hiddaa fi damee akka gaariitti caaseffamee
fi cimfame waan qabaniif sirnoota itti aananii jiran/midhaan biroo wajjin wal bira qabamee yoo
ilaalamu,dhiibbaan inni qabu olaanaadha.Kanaafuu dhiibbaa kana hir’isuuf biqilootni
dhaabbatan kun kunuunsi walitti fufiinsa qabu godhamuufii qaba.Kunuunsi godhamuufii qaban
kunis kan armaan gadii ta’a.
7.1. Damee gara olii hundaa biqilaa irraa muruu (Pollarding)
Poolaardiing jechuun damee mukaa gara olii (lafa irraa hojjaa meetira lamaa olii) jiru hunda isaa
irraa muruu jechuudha.Kunis kan godhamuuf kaayyoowwan armaan gadii galmaan ga’uufidha.
Damee mukaa irraa muramu nyaataa beelladaa fi qoraaniif fayyadamuuf
Dame mukaa guddate midhaan irratti gaaddisa ta’e irraa hir’isuuf
Damee jalqabaa irraa kaasuudhaan dameen haaraan gaarii ta’ee hojjaan isaa dheeraa ta’ee
fi beelladni qaqqabdee nyaachuu hin dandeenye akka latuuf.
Fakkii. 10. Biqilaa Poolaard godhame
Gosoonni biqiltuu bosonaa hundinuu poolaardii dandamachuu hin danda’an.Biqilootni yeroo
baay’ee poolaardi ta’an kan armaan gadiiti.: Balanites aegyptiaca (Hudhaa), Erythrina
abyssinica, Faidherbia albida (Garbii), Ficus sycomorus, Grevillea robusta, Jacaranda
mimosifolia, Morus alba.
7.2. Damee muraasa keessaa hir’isuu (Lopping)
Looppiing jechuun adeemsa muka dhaabbate irraa damee isaa irraa tokko fi isaa ol irraa muruu
ykn hir’isuuti.Hojiin kun biqilaa dhaabbate guutummaa isaa/jirma isaa irraa muruu osoo hin
taane damee gar-tokkee isaa qofa kaayyoo nyaata beelladaatiif jedhamee kan irraa
hir’ifamuudha. Kunis damee irraa hir’ifamu kana qoraaniif fi nyaata beelladaatiif fayyadamuuf
jecha kan hojjetamuudha.
Fakkii .11. Damee muraasa hir’ate (Lopping)
7.3. Damee gara gadii isaa muruu/hir’isuu (prunning)
Piruuniing jechuun biqilaa bosonaa dhaabbate damee isaa gara gadii/gajjallaa isaa irraa
muruu/hir’isuu jechuudha. Mukaa isaa fooyyessuuf muka dhaabbate irraa damee lubbuu qabu
ykn du’e irraa hr’isuu ykn muruu dha. Gosoonni mukaa tokko tokko kan akka Eucalyptus
(baargamoo), Aningeria (Qararoo) yeroo dameen isaanii du'u cicciruun uumamaan kan ofirraa
buusan ykn cicciran yoo ta'u, gosootni biqilootaa kan biroon baay'een isaanii garuu hojii
damee ofirraa cicciruu kana uumamaan waan hin raawwanneef, karaa namtolchee irra
ciruun/muruun murteessaadha. Haaluma kanaan naannoo gadhiisiin horii jirutti akka horiin
qaqqabuu hin dandeenyetti ol butamee irraa muramuu qaba. Piruuniingiin gosoota qonnaa fi
bosona wal-keessaa hundaaf kan hojiirra ooluudha. Rakkoo gaaddisni mukaa midhaan irratti
uumuu dada’u hir’isuuf piruuniingiin kan geggeeffamuu qabu osoo midhaan hin faca’in dura
ykn yeroo midhaan faca’utti ta’uu qaba.
Piruuniingiin kaayyoowwan armaan gadii galmaan ga’uuf raawwatama:
Yeroo damee irraa cirru, carraa weerara fangasii hir’isuuf jecha ,bishaan /roobaa akka
ofirratti hin kuufne godhame muramuu/hir’ifamuu qaba.
Biqilaan akka ariifatee guddatu taasisuu,wal-saammii albuudaa fi ifa aduu biqilaa
bosonaa fi midhaan gidduu jiru hir’isuudha.
Damee isaa qoraaniif fi akkasumas nyaata beelladaatiif fayyadamuuf
Gaaddisa midhaan irratti uumamu hir’isuuf.
Oomisha mukaa hiddaa irraa bilisa ta’e ykn saanqaaf ta’u (knot- free timber)omiishuuf.
Damee du’e, cabe ykn dhukkubsate buqqisuun akka dukkubni gara hundee isaatti hin
seenne gochuu.
Mukaa dhaabbate keessa akka darbamuu/deemamuu danda’u gochuuf
Damee dacha ta’ee biqilu hir’isuudhaan biqilaan mukaa guddina sirrii ta’e akka
qabaatu taasisuuf.
Fakkii. 12 .Damee gara gajjallaa murame (pruning)
7.4. Muka tokko irraa kutuun/muruun biqiltuu haaraan akka biqilu gochuu (coppicing)
Coppicing jechuun muka tokko irraa kutuun/muruudhaan biqiltuu haaraan akka deebi’anii
biqilaan gochu dha. Coppicing yeroo hojiirra oolchinuu tariibawwan armaan gadii eeguu
barbaachisaa ta’a.
Mukti yeroo muramu lafa irraa seentiimetira 10-30 olsiqame muramuu qaba.
Yeroo muramu gogaan (bark) muka sanaa miidhamuu hin qabu.
Miidhaa biqilaan mukaa murarmu fangasiin miidhamuu hir’isuuf,biqilaan mukaa sun
yeroo roobaa muramuu hin qabu.
Yeroo biqiltuun gara meetira tokkoo dheeratu, dorgommii hir’isuuf kanneen gaarii ta’an
hambisuudhaan kan hafe hundi isaanii muruun barbaachisaa ta’a.
Naannoo coppicing itti geggeeffametti margi yoo jiraate achii dabamsiisun, balaan
abiddaa akka hin uumamne godha
Mukkeen hundi coppice hin godhaman.Fakkeenyaaf, mukkeen akka paayinii fi saayiperesii
coppice hin ta’an. Mukkeen tokko tokko kanneen coppiced ta’uu danda’an Eucalyptus spp.,
Gmelina Arborea (qamaxxee), Leucaena leucocephala, fi Syzygium guineense (Baddeessa) dha).
Fakkii. 13. Biqilaa coppiced godhame